Hinta’u kan jedhame ta’ee agarre; jireenya keenya boruufis abdii guddaa nuuf ta’e – Qonnaan Bultoota K/M Sulultaa
Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Qonnaan Bultoonni Kutaa Magaalaa Sulultaa Lafa midhaan hinbiqilchu jedhamee barootaaf ashuffee qofa magarsaa ture jallisii boneen qamadii misoomsuun callaa dachaa argachuu eegaluu ibsan.
“Hinta’u kan jedhame ta’ee agarre; jireenya keenya boruufis abdii guddaa nuuf ta’e” jechuun ibsaniiru.
Bishaan laga ciisuu fi biyyoo gabbataarra teenyee gahaatti misoomsuu dhabuun rakkoo keesssa turre jedhan qonnaan bultoonni Kutaa Magaalaa Sulultaa Aanaa Abbaa Gadaatti qamadii jallisii boneen oomishaa jiran.
Amma ofirra dabarree oomisha gabaaf dhiyeessuu eeggalleeras jechuunis dubbataniiru.
Bara darbe yeroo jalqabaaf lafa waggootaaf misoomaa hinturre irratti jallisii boneen qamadii misoomsuun bu’aan argame kaka’umsa cimaa isaanitti horuu kaasaniiru.
Bara kana ammoo kan bara darbeerra fooyyessuun bu’aa caalu argachuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Tumsi Kutaa Magaalichaa fi deeggarsi ogeeyyii qonnaan kennamuuf bal’inaan gara hojichaatti akka galan caalmaatti isaan onnachiisuu dubbataniiru.
Kutaan Magaalaa Sulultaa qilleensa mijiataa fi kuufama bishaanii misooma jallisiiif oolu hedduu qabaattus qamadii jallisii boneen misoomsuun bal’inaan kan eegalame waggaa darbe ta’uun ibsameera.
Bara kana lafa hektaara kuma 3 fi 500 qamadii jallisii boneen misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 3 fi 440’n misoomuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Kutaa Magaalaa Sulultaa Obbo Daani’eel Girmaan himaniiru.
Ilaalcha duraan ture cabsuun Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni hedduun gaabbuun xiiqeffatanii hojicha eegaluu himaniiru.
Lafa midhaan hinbiqilchu jedhamuun faayidaa malee ture misoomsuun bu’aan argamaa jiru kan yaadamee ol ta’uus himaniiru.
Dagannaa turerraa barachuun amma lafti kamuu hagabuu akka hinbulle bifa addaan hojiitti galamuu Obbo Daani’eel kaasaniiru.
Siifan Magarsaa fi Guutaa Owwaataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia