Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi yaada haaraa burqisiisuun tarsiimoon masakee hojii qabatamaan  agarsiisuuf qophaa’uu qaba – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) –  Harcaatiiwwan raawwii karoora baatii sagalii bara 2017 keessatti mul’atan sirreessuu fi qophii karooraa bara 2018 xiyyeeffannaan hojjechuun akka barbaachisu Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Gamaaggama Raawwii karooraa kurmaana 3ffaa bara 2017 Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti taa’amaa jiru ilaalchisee fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin akka ibsanitti, gamaaggama raawwii kana dhimmoota ijoo shan irratti xiyyeeffachuun bu’a qabeessummaa isaa guddisuun barbaachisaadha.

Milkaa’inoonni galmaa’an, harcaatiiwwan mul’atan ,qophiin karooraa bara 2018 fi dhimmi hoggansaa dhimmoota gamaaggamichaan xiyyeeffannaa argatan ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa  gaaffiin hoggansaa dhimma murteessaa ta’uu ibsanii,  gaaffii cimaa barootaaf naannicha qoraa tureefi deebi’uu qabuudha jedhan.

Hoggansa imala ture ittifufsiisu osoo hintaane,  hoggansa yaada haaraa burqisiisu, yaadamatti jijjiiru, tarsiimoon masaku, karoora qabatamaatti jijiiru, qaamota barbaachisoo hunda itti hiriirsee raawwachiisee agarsiisu ta’uuf murteessuun barbaachisaa akka ta’es hubachiisan.

Walumaagalatti, naannicha iddoo turerraa sochoosuun furguuga keessa galee milkaa’inni cimaan akka galmaa’uuf miira fedhii olaanaan  socho’uun murteessaa akka ta’es dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.