Hoggantoonni Mootummaa misooma Koriidarii fi hojiilee misoomaa biroo daawwatan
Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) – Hoggantoonnii fi ogeeyyiin dhaabbilee Mootummaa Federaalaa misooma Koriidarii fi hojiilee misoomaa biroo Magaalaa Finfinnee daawwataniiru.
Hoggantoonnii fi ogeeyyiin dhaabbilee damee diinagdee Misooma Koriidarii Qarsaa dabalatee hojiilee misoomaa biroo magaalicha keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran carraa dhaloota egeree tilmaama keessa kan galche yaadama ce’aa ta’uu Itti Gaafatamtuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Alemtsahaay Phaawuloos ibsaniiru.
Hojiin deebisanii misoomsuu hojjetamaa jiran dorgomtummaa sadarkaa idil addunyaa magaalichaa guddisuurra darbee kutaalee hawaasaa jireenya gadi aanaa jiraataa turan haala jireenyaa isaanii kan jijjiire ta’uu hoggantoonni daawwannicharratti hirmaatan himaniiru.
Adeemsicha keessatti hojiin hambaalee eeguun dhalootaaf dabarsuu raawwatamuu eeruu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia