Hoggantoonni qamadii waldaa hojii gamtaa gatii hin malletti gurguran adabbii cimaan adabaman
Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) – Hoggantoonni Oomisha Qamadii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Amboo gatii hin malletti gurguruun Birrii miiliyoona 4 ol dhabsiisan adabbii cimaan adabamaniiru.
Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa dhaddachi yakkaa oolmaa har’a ooleen hoggantoota waldichaa badii raawwatan jedhaman adabbii hidhaa cimaa waggaa 11 fi 12 itti murteesseera.
Hoggantoonni kunneen Adoolessaa 10, 2013 faayidaa hin malle argachuuf yookaa argamsiisuuf jecha Qamadii kuntaala kuma 12 gurgurtaaf dhiyaate hojmaatan ala nama dhuunfaaf akka gurguramu taasiisuun himatamaniiru.
Gatii Qamadii waldichaa hir’isuun waldichi Birrii miiliyoona 4 fi kuma 200 akka dhabu taasisuu isaanii eerameera.
Manni murtichaa ragaa abbaan alangaa dhiyeesse qorachuun yaada murtoo kennee turus, himatamtoonni yakka ittiin himataman ofirraa ittisuu dadhabuu isaaniin murtoon balleessummaa irratti darbeera.
Haaluma kanaan manni murtichaa himatamaa 1ffaan adabbii cimaa waggaa 12 fi himatamaa 12ffaan adabbii cimaa waggaa 11 akka adabaman itti murteeseera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia