Hojiilee misooma Koriidarii magaalichaa saffisaan xumuruuf ni hojjetama – Kantibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Guraandhala 1, 2017 (FMC) – Hojiilee misooma Koriidarii magaalichaa saffisaan xumuruuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen beeksisan.
Gamaaggamni Raawwii Hojii baatiwwan jahan darbanii magaalichaa xumuramuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Baatiwwan jahan darban keessa Aadaa hojii cimaa guddisuun piroojektoonni hedduun yeroo jedhamee fi qulqullina barbaadamuun xumuramuun tajaajila ummataaf banaa ta’uu eeraniiru.
Magaalaa miidhagduu, hawwattuu fi jireenyaaf mijjattu taate taasisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhan.
Hojiilee hafan saffisaan xumuruuf kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa