Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen bu’aa qabeessi Humna Galaanaan eegalaman cimanii itti fufu  jedhame

Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Humni Galaanaa Itiyoophiyaa hojiileen bu’aa qabeessi eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu beeksise.

Kuticha sadarkaa barbaadamuun cimsuufi raayyichaaf humna dabalataa ta’uuf hojiileen bu’a qabeeyyiin  eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibseera.

Dhaabbatichi yeroo ammaa leenjii misooma humna namaa, ijaarsa dandeettiifi bu’uuraalee misoomaarratti qophaa’ummaa loltummaa raayyichaa guddisuuf hojiilee milkaa’ina qaban hojjechaa jiraachuu ibseera.

Bu’aaleen hojiilee waggoottan darban hojjetamaniin argaman bu’aa tattaaffii hoggantootaafi miseensa kutichaa ta’uun ibsamuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Ajajaaa Olaanaan Humna Galaanarraa Itiyoophiyaa Reer Admiiraal Kinduu Gazzuun, dhaabbatichi waggoottan darban hojiilee hedduu hojjechuu eeruun, yeroo ammaas tattaaffiin kuticha cimsuuf taasifamu cimee itti fufa jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.