Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen dippiloomaasii faayidaa biyyaaleessa kabachiisan hojjetamaniiru – Dooktar Geediyoon Xiimootiiwoos

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Baatiwwan salgan darban keessa hojiileen dippiloomaasii faayidaa biyyaaleessaa Itiyoophiyaa kabachiisan bu’aa qabeeyyiin hojjetamuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiwoos ibsan.

Gamaaggamni raawwii karoora hojii baatiwwan salgan darbanii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiiwoos raawwii hojii damee dippiloomaasii ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Hojiilee dippiloomaasii hariiroo waloo fi gamhedduu baatiwwan salgan darban keessa hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun argamuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan waltajjii BRICS irratti hirmaanaa bu’aa qabeessa taasisuu himaniiru.

Yaa’iin Gamtaa Afrikaas karaa bu’aa qabeessa ta’een keessummeeffamuu ibsaniiru.

Dhimma Buufataa fi karra galaanaa ilaalchisee waldhabdee biyyoota ollaa waliin uumamee ture karaa nagaan furuun danda’amuu Dooktar Geediyoon ibsa isaaniin kaasaniiru.

Dhimmi karra galaanaa Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti fudhatama olaanaa argachaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiileen riifoormii Itiyoophiyaan hojiitti hiikaa jirtu dandeettii fi dhiibbaa uumtummaa ishee caalmaatti guddisuu himaniiru.

Itiyoophiyaan bu’uuraalee misooma Anniisaan naannawaa walitti hidhuuf hojii bal’aa raawwachuu dubbataniiru.

Kunis guddinni diinagdee Itiyoophiyaa biyya keessatti qofa osoo hin daangeeffamin naannawaaf illee dandeettii ta’aa jiraachuu qabatamaan kan mul’iseedha jedhan.

Waliigalaan baatiwwan salgan darban keessa hojiileen dippiloomaasii faayidaa biyyaaleessaa Itiyoophiyaa kabachiisan bu’aa qabeeyyiin hojjetamuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.