Hojiileen Misooma kooriidarii Bishooftuu ammayyummaa magaalattii fooyyessu-Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Mudde 11, 2017 (FMC)- Hojiileen misooma kooridarii qindaa’a Magaalaa Bishooftuu maqaa gaarii magaalattii dabaluu, ammayyummaa fi jireenya jiraatota kan fooyyessan ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan, bakki argama haroowwan torbaa Bishooftuun, misooma Kooriidarii qindaa’aarratti argamti jedhan.
Qabeenya uumamaa Magaalattii faayidaaf akka oolu kan taasisan hojiileen misoomaa fi ismaarti siitii kan jajjabeeffaman akkasumas hawwatummaa tuuristii biyya alaa fi keessaa magaalattii daran kan guddisu ta’uu ibsaniiru.
Hojiileen misoomaa kooriidarii qindaa’aan maqaa gaarii, ammayyummaa fi jireenyaa jiraattotta magaalattii kan fooyyessan ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Hojiilee misoomaa kanneen tattaaffii sa’aatii 24 hoggansaa fi hojjettoota pirojektichaan yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka qaqqabu amantaa qaban himaniiru.
Mootummaan magaalota magariisa fi midhaagoo taasisuuf, magaalummaa ammayyaa fi giddugalaa jireenyaa mijatoo akka ta’aniif hojiileen eegale cimsee kan itti fufsiisu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia