Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen Misoomaa Kutaa magaalaa Sulultaatti hojjetaman  fayyadamummaa uummataa kan mirkaneessanidha jedhame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC) – Hojiileen Misoomaa Kutaa magaalaa Sulultaatti hojjetaman fayyadamummaa uummataa kan mirkaneessan ta’uu ibsameera.

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa bu’uuraaleen misoomaafi inisheetiviiwwan qonnaa kutaa magaalichaa keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Miseensonni mana marichaa ijaarsa Hospitaalaa fi Istaadiyeemii dabalatee bu’uuraalee misoomaa kanneen akka dhagaa koobilii, boo’ii lolaa, kalvartii, giddugala gabaa, gamoo giddugala gabaa qonnaan bultootaafi oomisha qamadii jallisii bonee daawwataniiru.

Kutaa Magaalichaatti inisheetiviiwwan garagaraa  fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjetamaa jiraachuu daawwannichaan hubatamuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.