Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa magaalaa Baahir Daaritti hojjetamaa jiran guddina magaalichaa kan mirkaneessanidha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Hojiileen misoomaa magaalaa Baahir Daar keessatti hojjetamaa jiran guddina magaalichaa kan mirkaneessan ta’uu Ministirri Muummee Itti Aaanaan  Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan magaalaa Baahir Daaritti hojiilee misooma kooridarii fi hojiilee misoomaa biroo daawwataniiru.

Hojiin misooma kooridarii boqonnaa jalqabaa xumuramaa jiru miidhagina magaalichaa guddisee kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Misooma kooridarichaaf pooliiwwan ibsaa dabalatee galteewwan biroon warshaawwan naannicha keessatti argamaniin kan oomishaman ta’uun dandeettii guddaa uumeera jedhan.

Misoomni kooridarii magaalichaa waliigala dheerina kiiloomeetira 22.5 kan uwwisu ta’uu eeruun, boqonnaa jalqabaan kiiloomeetirri 3 xumuramaa akka jiruu fi boqonnaan 2ffaan yeroo gabaabaa keessatti akka eegalu ibsaniiru.

Ijaarsi Isteediyeemii Idil-addunyaa Baahir Daaris xumuramaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Hojiin maaddii guutuu magaalichaas jajjabeessaa ta’uu kaasuun, damicharratti dargaggoonni baratan hedduun hirmaachuun bu’aa qabeessummaa isaaf dandeettii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.