Hojiin beeksisaa qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa madaalu hojjetamuu qaba jedhame
Finfinnee, Guraandhala 19, 2017 (FMC) – Sadarkaa biyyaa fi idil-addunyaatti hojiin beeksisaa qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa madaalu hojjetamuu akka qabu Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan ibsan.
Ministeerri Tuurizimii gamaagama raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii gaggeesseera.
Baatiiwwan jahan darbanitti damee tuurizimiin hojiileen garaagaraa hojjetamuu kan ibsan Salaamaawit Kaasaan, hojiileen bakka gahumsa tuuristii guguddoo misoomsuu akkasumas qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa beeksisuu hojjetamuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil- addunyaa fi ardii hedduu keessummeessuu yaadachiisuun, kunis bakkeewwan gahumsa tuuristii beeksisuuf carraa uumuu himaniiru.
Dhaabbileen damee tuurizimiin tajaajila kennan sadarkaa isaanii kan eeggatan taasisuuf tattaaffiin taasifamuu kaasaniiru.
Gara fuulduraattis Sadarkaa biyya keessaa fi idil-addunyaatti hojiin beeksisaa qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa madaalu hojjetamuu akka qabu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.