Fana: At a Speed of Life!

Hojiin eegumsa qabeenya uumamaa saba Waag Himraan hojjetamaa jiru kanneen biroof fakkeenya- Obbo Tamsgeen Xurunaa

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Hojiin eegumsa qabeenya uumamaa saba Waag Himraan hojjetamaa jiru bakkeewwan hanqina roobaa qaban biroof fakkeenya akka ta’e Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamsgeen Xurunaan ibsan.

Obbo Tamasgeen hojiin eegumsa qabeenya uumamaa naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina Saba Waag Himraa aanaalee Ziquwaalaa, Dahaanaafi kanneen biroo keessatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannawichi hanqina roobaa waan qabuuf hojiin eegumsa qabeenyaa haalaan hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

Dabalataanis hojiin yaa’a Takkazee jallisiin misoomsuu hirmaannaa hoggansa sadarkaan jiruufi hawaasa naannichaa kan gaafatu ta’uu himaniiru.

Hojiin eegumsa qabeenya uumamaa Bulchiinsa Godina Saba Waag Himraan hojjetamaa jiru bakkeewwan hanqina roobaa qabaniif barnoota ta’uu miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.