Fana: At a Speed of Life!

Hojiin kominikeeshinii kaayyoorratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba – Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Hojiin Kominikeeshinii akkaataa yeroon barbaaduun kaayyoorratti kan xiyyeeffate ta’uu akka qabu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun hubachiisan.

Mata duree‘Kominikeeshinii kaayyoorratti xiyyeeffate guddina Itiyoophiyaaf’ jedhuun leenjiin hoggantootaa fi ogeeyyii kominikeeshiniif kennamaa jiru itti fufueera.

Leenjicharratti kan argaman Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun, intarneetiin yaa’insa odeeffannoo kallattii qeenxerraa gara kallattii gamhedduutti jijjiiruu fi saffisa tatamsa’ina odeeffannoo daran guddisuu kaasaniiru.

Sirni tatamsa’ina odeeffannoo mootummaa haala qabatamaa kan bu’uureeffate ta’uu akka qabu kaasaniiru.

Akkaataa haalli yeroo gaafatuun odeeffannoon ummata bira akka qaqqabu hojiin kominikeeshinii kaayyoorratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba jedhaniiru.

Tarsiimoon durfamuu fi fillannoowwan jiran hunda fayyadamuun fedhii odeeffannoo ummanni barbaadu guutuun murteessaa ta’uu hubachiisuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.