Fana: At a Speed of Life!

Hojiin magaalaa Finfinnee jiraattotaaf mijattuu taasisuu cimee itti fufa- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla 22, 2017 (FMC)- Magaalaa Finfinnee bu’uuraalee misoomaa hir’atan guutuun hojiin jiraattotaaf mijjattuu taasisuu cimee kan itti fufu ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech Misooma Paarkii Bulbulaa fi Daandii kiloomeetira 14 Boolee Kaargoo hanga Riqicha Aqaaqii kaleessa eebbifame ilaalchiisuun ibsa kennaniiru.

Haaluma kanaan Magaalaa Finfinnee bareedina maqaa ishee madaaluu taasisuuf bu’uuraaleen misoomaa qoratamuun ijaaramaa jiraachuu dubbatan.

Paarkiin Bulbulaa bakka Cidhaa, bakka tapha daa’immannii, bakka Ispoortii fi bakkewwan magaariisaa biroo kan of keessatti hammateedha jedhan.

Kunis jiraattonni magaalichaa akka bashannananiifi Dargaggonnii fi guddattonni bakka oolmaa isaanii akka taasifataniif kan deeggaru ta’uu himan.

Wayita ijaarsa Paarkicha hirmaannaan  hawaasa naannawichaa olaanaa ta’uu eeruun, yeroo wal deeggarruu Piroojektoota yeroo gabaabaa keessatti xumuruu akka dandeenyu agarsiifnerra jedhan.

Ijaarsi Bu’uuraalee misoomaa magaalichatti cimee kan itti fufuu ta’uu fi qaamoolee hojii ijaarsa misoomicharratti hirmaatan galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.