Hojiin Misooma Koriidarii Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee % 95 ol xumurame
Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Hojiin Misooma Koriidarii Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee % 95 ol xumuramuu kutaan magaalichaa beeksise.
Hojiilee misooma Koriidarii Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee aanaalee garaagaraa keessatti hojjetamaa jiran daran jajjabeessaa ta’uu jiraattoonni kutaa magaalichaa Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Hojiin misooma Koriidarii qulqullina fi saffisaan hojjetamuu isaatti gammanneeras jedhan.
Hojiileen hojjetaman kunneen hawwatummaa fi miidhagina kutaa magaalichaa dabaluu eeraniiru.
Hojiin misooma Koriidarii Kiiloo Meetira 12.5 dheeratuu fi lafa hektaara 12.34 uwwise baajata mootummaa Birrii biiliyoona 1 oliin hojjetamaa jiraachuu Hojii Gaggeessan Mana Qopheessaa Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee obbo Kiflee Waareen himaniiru.
Paarkiiwwan, Addabaabayiiwwan, iddooleen Paarkiingi, Kaaffeewwan addaa addaa, bakkeewwan aara galfii Tiraafikaa, Holqawwan, Manneen Fincaanii fi Fincaawwan garaagaraa misooma Koriidarii kana keessatti hammatamuu himaniiru.
Yeroo ammaa Kiiloo Meetirri 11.8 yookaa % 95 ol xumuramuu dubbataniiru.
Hojiin misooma Koriidarii kun lammiilee 600 oliif carraa hojii yeroo uumuus kaasaniiru.
Kutaan magaalichaa hojii Misooma Koriidarii fakkeenyummaa qabu hojjechuu himuun, bakkeewwan kanneenitti sagantaaleen garaagaraa gaggeeffamuu eegaluu eeraniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia