Fana: At a Speed of Life!

Hordoftoota amantaas ta’ee, abbootiin amantaa nageenyaaf dursa kennuu qabu – Komishinar Araarsaa Mardaasaa

Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) – Hordoftoota amantaas ta’ee, abbootiin amantaa nageenyaaf dursa kennuu akka qaban Hogganaan Biiiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa Komishiinar Araarsaa Mardaasaan ibsan.

Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa walqixxummaan amantaafi nageenyi waaraa iddoo hundatti akka mirkanaa’uuf qaamolee hunda waliin qindoominaan hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Konfiraansiin nageenyaa Magaalaa Jimmaatti taa’amaa jira.

Abbootiin amantaalee, hooggantoota mootummaa, naannoleefi kutaaleen hawaasaa garaagaraa konfiraansicharratti hirmaachaa jiru.

Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi nageenya Oromiyaa Komishiinar jeneraal Araarsaa Mardaasaa qaamolee konfiraansicha qopheessan galateeffachuun, amantaan hundi nageenya lallaba waan ta’eef namni amantaa qabu kamuu nageenyaaf dursa kennuu qaba jedhan.

Dhalli namaa hundi walqixxummaan akka jiraatuuf Biiroon
Bulchiinsaafi Nageenyaa olaantummaa seeraafi nageenya mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Abbootiin amantaatis iddoo hundatti walqixxummaan
amantaafi nagaan akka jiraatuuf akkaataa barsiifata amantiilee isaaniin hojjachuu akka qaban dhaamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.