Fana: At a Speed of Life!

Humna Namaa ga’umsa qabu horachuurra darbee qulqullinaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Humna Namaa ga’umsa qabuu fi dorgomaa ta’e horachuurra darbee qulqullinaaf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa ibse.

Ministeerichi dhaabbilee waamamtootaaf deeggarsa ogummaa kennuuf Inistiityuutii Sadarkaalee Itiyoophiyaa waliin waliigaltee mallatteessera.

Dhaabbileen leenjii teeknikaa fi ogummaa, Ejensiiwwan Madaallii fi mirkaneessa gahumsa ogummaa naannolee fi bulchiinsa magaalota 46 Inistiitiyuuticha waliin waliigaltee mallatteessuu ragaan Ministeerichaa argame ni mul’isa.

Dhaabbilee waamamtootaa dabalatee caasaaleen sadarkaan jiru sirna hojii qulqullinaa hojiirra akka oolchaan hojjetamaa turuu Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Tashaalee Bareechaan dubbataniiru.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun dhaabbileen Barnoota Leenjii, Teeknikaa fi Ogummaa 7 sirna hoggansa hojii dhaabbilee barnootaa idil addunyaa guutuun beekamtii argachuu ibsaniiru.

 

Ogeeyyiin dhaabbilee kanneenirraa eebbifaman dandeettii fooyya’aa fi fudhatama olaanaa argachuu Daayrekterri Itti Aanaan Inistiityuutichaa Wandimmaaganyi Asaffaan himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.