Humni addaa farra shororkeessummaa dirqama isaa ga’umsaan raawwachuu danda’u ijaarameera-L/J Shuumaa Abdataa
Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC)- Humni addaa farra shororkeessummaa homaan osoo hindaangeffamin dirqama isaa ga’umsa olaanaan raawwachuu danda’u ijaaruun akka danda’ame Ajajaan, Ajaja Komaandoo fi Humna Qilleenssaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan ibsan.
Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan, miseensota humna addaa leenjii isaanii xumuran waliin mari’achuun leenjitoota humna qilleensaa gulantaa urjii uwwisaniiru.
Miseensonni Humna Addaa Farraa Shororkeessummaa leenjii addaa fi walxaxaa fudhatan gaachana biyyattii waan ta’aniif, dirqamni hedduun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.
Kana hubachuun dhuunfaanis ta’e gareen, qormaata kamuu darbuun ergama biyyaalessaa itti kennamu raawwachuuf qophaa’uu akka qaban akeekaniiru.
Karoora diinaa dursanii fashaleessuu, wiirtuu olaanaa shororkeessummaa biyya keessaa fi alaa haleeluun dirqama kutichaa ta’uun eerameera.
Kutichis dirqama sadarkaa olaanaan raawwachuu qabaatee ijaaramuu Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia