Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu gahumsaa fi Guddina Raayyaa Ittisaati – Injinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu gahumsaa fi galma’uu riifoormiif ragaa ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

Injinar Ayishaan Humna Qilleensa Itiyoophiyaa kan daawwatan yoo ta’uu,milkaa’ina dhaabbatichi galmeesse dinqisiifataniiru.

Humni qilleensichaa ga’umsa isaa teeknooloojiin guddisuu fi dirqama biyyaalessaa murannoon bahuuf hojiin hojjete fakkeenya ta’uu himaniiru.

Humni Qilleensa Itiyoophiyaa ijaarsa humna namaa, bu’uuraalee misoomaa fi hojii suphaan sadarkaa irra gahe ilaalchisee Ajajaa Olaanaan dhaabbatichaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsa taasisuu ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.