Humni Qilleensaa sadarkaa dhaabbata aviyeeshinii ammayyaa guutuutti guddate – Letenaanti Jeneraal Yilmaa Mardasaa
Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Haaromsa dhaabbatummaa cimaan kan ijaarame Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa sadarkaa dhaabbata aviyeeshinii ammayyaa guutuu ta’etti guddachuu isaa Letenaanti Jeneraal Yilmaa Mardasaa beeksisaniiru.
Letenaanti Jeneraal Yilmaa Merdaasaan Qajeelcha Muummee Humna Qilleensaa keessatti Ajajaa Raayyaa fi Hojjetaa Istaafummaan barattoota leenji’aa turan waliin mari’ataniiru.
Ergaa geggeessitoota kanneeniif dabarsan keessatti, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa haaromsa dhaabbatummaa cimaan ijaaramuu geggeessitoota irraa eegalee hanga miseensotaatti yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramaaf qophaa’uun waloon waan hojjetaniif gara dhaabbata aviyeeshinii ammayyaa guutuutti guddachuu isaa ibsaniiru.
Tokkummaan keessoo isaa kan cime, darbees teeknooloojii ammayyaa fayyadamuu kan danda’u raayyaa ga’umsa ogummaa qabu horachuun danda’amuus ibsanii, karoora bara 2022tti Afrikaa keessatti dhaabbata aviyeeshinii adda duree akka ta’uuf qabame keessaa tokko tokko dursinee milkeesineerra jedhan.
Hogganaan waraanaa cimaan yeroo nagaa raayyaa isaa lolaaf kan qopheessu fi kasaaraa xiqqaadhaan injifannoo guddaa kan fidu ta’uu kan ibsan Letenaanti Jeneraal Yilmaa Mardasaan, hoggantoonni waraanaas saayinsii fi ogummaa waraanaa yeroo ammaa hordofuun sadarkaa dandeettii ergama itti kennameef malu irra ga’uuf of ga’oomsuu akka qaban dhaamaniiru.