Ibsa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaarraa kenname
Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) –Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa mirkaneessa ga’umsa ogummaa kennuu fi galmeessa Gaazexeessitootaa gaggeessuuf sochii jiru ilaalchisee ibsa kenneera.
Manni Maree Miidiyaalee Itiyoophiyaa Gaazexeessitootaaf mirkaneessa ga’umsa ogummaa kennuu fi galmee Gaazexeessitootaa gaggeessuuf marii fi sochii eegaluu hordofee dhaabbileen miidiyaalee garaagaraa, Gaazexeessitoonnii fi waldaaleen ogummichaa dhimmicha ilaalchisee gaaffii seera qabeessummaa fi sodaalee qaban Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaaf dhiyeessurratti akka argaman ibseera.
Mana marichaaf galmeessuus ta’ee mirkaneessa ga’umsa ogummaa kennuuf hojmaannii fi itti gaafatamummaan labsii miidiyaalee lakkoofsa 1238/2013’n kennameef hin jiru jedheera.
Abbaan Taayitichaas dhimmichaaf beekamtii kan hin kennine ta’uu beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia