Ibsi Keeniyaa Naayiroobirraa kenname beekamtii ONLF’n ala – koree Giddugaleessaa ONLF
Finfinnee, Guraandhala 24, 2017 (FMC) – Ibsi mootummaan Itiyoophiyaa waliigaltee nageenyaa cabse jechuun Keeniyaa Naayiroobirraa kenname beekamtii ONLF’ ala ta’uu Koreen Gidduleessaa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen beeksise.
Ibsichi waliigaltee bara Faranjootaa 2018 mootummaa Itiyoophiyaa waliin Asmaraatti taasiifame kan cabsee fi ONLF kan bakka hin buune ta’uu himeera.
Waliigalticha hordofee naannoo Somaaleetti haalli nageenyaafi jalqabbiin hojiilee misoomaa mul’atan jajjabeessaa ta’uu himeera.
Gaaffileen misoomaa, siyaasaa fi Diinagdee deebii argachaa jiraachuu kan amanu ta’uu ibseera.
Yaa ta’uutii osoo jalqabbii gaariin jiruu ibsi beekamtii dhaabbatichaan ala kenname haala gaarii jiru kan gurraachessuufi qajeeltummaa dhabuu ta’uu himeera.
Kanaaf ABBO dhimmicha ilaalchisee ibsa ejjennoo abbaa qabxii 3 dabarseera.
1.Ibsi Keeniyaa Magaalaa Naayiroobii kenname beekamtii miseensoota Koree Giddugaleessaa, Hojii Raawwachiiftuu fi Dura Taa’aa Itti Aanaa dhaabbatichaa Abduulkariim Sheehii Muusaan ala namoota dhuunfaan kan bahe malee dhaabbaticha bakka hin bu’u,
2.Addi Bilisummaa Biyyaaleessaa Ogaadeen waliigaltee Asmaaraa kan deeggaruu fi waliigaltichi haala fooyya’aan hojiirra akka oolu qabsoo siyaasaa karaa nagaan eegalame caalmaatti cimsee kan itti fufu yoo ta’u, Mootummaan Federaalaa fi Naannoo Somaalee waliigalticha hojiitti hiikuuf tattaaffii taasiisaniif beekamtii kan kennu ta’uu,
3. Addi Bilisummaa Biyyaaleessa Ogaadeen akkaataa dambii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaan yeroo dhiyootti yaa’ii kan taa’u ta’uu fi yaa’ichaan murtoowwanii fi kallattiiwwan qabsoo nagaa caalmaatti cimsan ni kaa’a jedheera.
Dhumarratti Addi Bilisummaa Biyyaaleessaa Ogaadeen hawaasni ibsa qaamolee dhuunfarraa kennaman kanneeniin akka hin burjaajofnee fi qaamoleen dhuunfaa kunneenis gochichaarraa akka of qusatan hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia