IGAD murannoo Itiyoophiyaa fi Soomaaliyaan hariiroo isaanii cimsuuf agarsiisan dinqisiifate
Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) murannoo Itiyoophiyaa fi Soomaaliyaan hariiroo dippiloomaasii isaanii cimsuuf agarsiisan dinqisiifate.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa Somaaliyaa daawwachuun, biyyoonni lameen hariiroo isaanii cimsuuf waliigaluu beeksisaniiru.
IGAD dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen, kutannoo biyyoonni lameen hariiroo dippiloomaasii isaanii cimsuuf agarsiisan dinqisiifateera.
Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan kutannoo tumsa naannawaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf mul’isan kan jajjabeeffamu ta’uu eereera.
Biyyoonni lameen waliigaltee Ankaaraan booda waliigalteewwanii fi mariiwwan sadarkaa hoggantootaatti taasisan, tumsa diinagdee fi tasgabbii naannawichaaf tarkaanfii olaanaa ta’uu ibseera.
Tattaaffiiwwan hariiroo naga qabeessa cimsanii fi misooma waaraa naannawichaaf taasifaman kan deeggaru ta’uus eereera.
#Oromia #Ethiopia