Ijaarsa Mana Barnootaa Addaa Proojaktii Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaa sadarkaa 1ffaa Abdii Boruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame
Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC) – Preezdaantii Mootummaan Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa magaalaa sandaafaa bakkeetti ijaarsa mana barnoota Addaa (special School) proojaktii Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaa sadarkaa 1ffaa Abdii Boruuf dhagaan Bu’uura kaa’aniiru.
Preezdaant Shimallis Abdiisaan magaalaa sandaafaa bakkeetti ijaarsa mana barnoota addaa (special School) proojaktii Qindaa’aa Gumaata Caffee Tumaa sadarkaa 1ffaa Abdii Boruu dhagaa Bu’uura kaa’uun jalqabsiisaniiru.
Sirnicharratti itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastara Magaalota naannoo Oromiyaaa, Aadde Caaltuu Saaniin, Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii Qindeessaa kilaastera Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amantee fi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa fi Bulchaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Girmaa Haayiluu argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.