Ijaarsi Daandiiwwan haaraa fi buleeyyii Magaalaa Finfinnee Magaalaa Shaggariin walqunnamsiisaan raawwatamaa jiru
Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC) – Dhiibbaa Tiraafikaa karrawwan Finfinneerratti uumaman hir’isuuf kan dandeessisan ijaarsi Daandiiwwan haaraa fi buleeyyii raawwatamaa jiru jedhame.
Daandiiwwan Magaalaa Shaggar qaxxaamuruun Finfinnee seenaan hundi yaa’insa Tiraafikaa olaanaa kan keessummeessan ta’uu isaaniin daandiiwwan kanneen fooyyeessuuf hojiin qorannoo gaggeeffamuu Abbaan Taayitaa Daandiwwan Itiyoophiyaa beeksiseera.
Yeroo ammaa Finfinnee – Hoolaataa Kiiloo Meetirri 14.7, Maariyaamii Inxooxxoo – Giddugala Biqiltoota Gullallee, akkasumas Inxooxxoo Kotabee Kiiloo Meetirri 18 hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Piroojektiin Addabaabayii Xaafoo – Laga Daadhii – Kuraa Jiddaa Kiiloo Meetirri 17 yeroo dhiyootti kan eegalamu ta’uu himameera.
Piroojektoota hunda waggaa lama keessatti xumuruuf kan hojjetamu ta’uu ibsameera.
Yisimaaw Adaraawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia