Imaammata barnootaa milkeessuuf qoodni dubartootaa olaanaadha – BBO
Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa hoggantoota dubartootaa haaraa manneen barnotaaf leenjiin magaalaa Adaamaatti kennaa ture xumurameera.
Xumura sagantichaa irratti argamuun haasawa cufiinsaa kantaasisan Hogganaan Biiroo Barnoota Ormiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo Dubartoonni Ijaarsa biyyaa keessatti muuxannoo qabaniin barnoonni qulqullina qabu dhaloota bira akka ga’uuf hojjechuu qabu jedhan.
Imaammata barnootaa milkeessuuf qoodni dubartootaa olaanaa ta’us dubbataniiru.
Hirmaattoonni leenjichaas hubannoo leenjicharraa argataniin cabinsa barnootaa akka biyyaatti jiru maksuuf akka hojjetan waadaa seenaniiru.
Leenjichi marsaa lamaan kannemu yoo ta’u marsaa jalqabaan hoggantoonni dubartootaa haaraa 420 ta’an leenjicha fudhataniiru.
Guutaa Owwaataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia