Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiiwwan Qonnaa hojiirra oolan badhaadhina maatii milkeessaa jiru – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) – Inisheetiiwwan Qonnaa Mootummaan hojiirra oolchaa jiru badhaadhina maatii milkeessaa jiraachuu Pireezidaantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Itiyoophiyaan ce’umsa diinagdee mirkaneessuun gargaaramuu irraa gara gargaaruufi oomisha bituu irraa gara oomishanii gurguruutti ce’uuf tattaaffiin taasisaa jirtu milkaa’ina guddaa galmeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Obbo Awwaluu Abdiin, Godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbeetti inisheetiivii Muuzii fi paappayaa kilaasteraan misoomaa jiru daawwataniiru.

Inisheetiiviin misooma Muuziifi Paappaayyaa aanichatti daawwatan, qonnaan bultootni kaappitaala guddaa akka horatan taasisuun karoora badhaadhina maatii mootummaan qabate milkeessaa akka jiru obbo Awwaluun ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.