Fana: At a Speed of Life!

Inisheetivii Muuzii bara 2012 “Labsii Iluu Galaan”nin jalqabne daran bal’isuu irratti argamna – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) –Inisheetivii Muuzii bara 2012 “Labsii Iluu Galaan”nin jalqabne daran bal’isuu irratti argamna jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Inisheetiivii Muuzii hojjetamaa jiru ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Inisheetivii Muuzii bara 2012 “Labsii Iluu Galaan”nin jalqabne daran baldhisuu irratti argamna. Barichatti, uwwisa muuzii sanyii filatamaa heektaara 70 irraa jalqabuun bara 2016, lafa heektaara kuma 3, akkasumas uwwisa waliigalaa misooma muuzii heektaara kuma 27 oliin gahuu dandeenyerra.

Raawwii abdachiisaa kana duuba, qooddatoonni garagaraa gahee bahataniiru. Dhaabbanni qorannoo qonnaa keenya, dandeettii biqiltuu muuzii “Tissue Culture”, sanaan dura biyya alaatii galaa ture biyya keessatti qopheessuf isa dandeessisu akka horatu taasisuu duursan kaasuu dandeenya. Hundaa’ol, kaka’umsi ogeeyyii qonnaafi heyyamummaan qotee bulaafi dargaggoonni keenya inisheetivicha fudhachuuf agarsiisan shoora olaanaa taphataniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Sabboontota Gochaa kanneenif ulfina olaanaa kan qabu ta’uu carraa kanaan ibsuun barbaada.

Inisheetiviin muuzii keenya, gama tokkoon galmoota qonnaa, kanniin akka carraa hojii umuufi wabii nyaataa mirkaneessuu gama birootin uwwisa magariisummaa naannoo keenyaa dabaluu keessatti shoora gaarii taphachaa jira. Akkasumas, muuziin soorata guyyuu ummattoota biyya keenyaa ta’uun isaa, kallattii gabeessuummaa qonnaa (agricultural commercialization) babaldhisuuf qabannen kan walsimuudha.

Inisheetiviin muuzii, galmoota omishaalee al-ergii gosaan daneessufi baay’inaan (volume) dabaluuf qabannes qixuma kanaan jabeessuu irratti argama. Akka naannootti, bara 2016 yeroo duraatiif gabaa alaatiif dhiyeessuun, muuzii gosoota omishoota al-ergii keenyatti dabaluu dandeenyerra. Bifuma walfakkaatun, galiin sharafaa omishoota al-ergii naannoo keenyaa irraa argamus waggaa waggaan dabalaa dhufeera.

Jijjiiramni jiru, kan abdii namatti horu ta’ullee, saaxilammummaa dinagdee baldhaa, hirkattummaa olaanaa dinagdee dam-qeenxee irraa maddu hirdhisuuf jedhees qabatamaatti hambisuuf karaa dheeraan kan nuhafu ta’uu hubatamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hubannoo kanaan taliigamuun, gosoota omishoota al-ergii daneessuufi baay’ina isaanii guddisuu, walumaagalatti ijaarsa dinagdee damdaneessaa milkeessuf xiyyeeffannoon socho’aa jirra.

Bu’uuruma kanaan, kallattiifi galmoota inisheetivoota qonnaa, gulantaa irra gahaniin fooyyessaa adeemutti jira. Uwwisa misooma muuzii, yoofudhanne, hanga bara 2018’titti, hkt. kuma 40’n gahuuf karoorsee qindoominaan raawwachuu irratti argama. Akkasumas, biyyoota armaan dura al-ergii muuziitiin gahuun danda’ame cinaatti, gabaa biyyoota dabalataa keessa galuuf sochii baldhaa taasisuu irratti argama.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.