Injifannoo Adwaa kan kabajnuuf duudhaalee injifannoo isaa damee misoomaa fi nageenyaan irra deebi’uufi- Dooktar Laggasaa Tulluu
Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa kan kabajnuuf duudhaalee injifannoo isaa damee misoomaa fi nageenyaan irra deebi’uufi jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.
Guyyaan yaadannoo injifannoo Adwaa 129ffaan mata duree “Adwaa Injifannoo Uummattoota Gurraachaa” jedhuun sadarkaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaatti kan kabajame yoo ta’u, Adwaan injifannoo Itiyoophiyaan uummattoota gurraachaaf gumaachite keessaa tokko ta’uu eerameera.
Dooktar Laggasaan saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin, guyyaa yaadannoo Injifannoo Adwaa kan kabajnu, gootota Itiyoophiyaa yaadachuurra darbee duudhaalee injifannoo isaa dameelee misoomaa fi nageenyaan irra deebi’uufi jedhan.
Injifannoo Adwaa gamtaa fi tokkummaan akkasumas irree gamtoomeen argame haala ho’aan kabajuu fi dhaloota egereef dabarsuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Dhaloonni ammaa waloon dhaabbachuu, cimina, cichoomina misoomaa fi diimookiraasii injifannoo Adwaarraa barachuu akka qabu akeekaniiru.
Birmadummaa fi kabaja biyyaaf wareegamuun bu’aalee injifannoo Adwaa ta’uu ibsanii, uummattoonni, har’as ta’e fi boru waloon birmadummaa mirkaneessuu fi gargaaramtummaa keessaa ba’uun damee nageenyaa fi misoomaan hirmaachuu akka qaban dubbataniiru.
Keessumaa wabii nyaataan of danda’uuf tattaaffiin taasifamu, kutannoo lammiileen hojjetamuu akka qabu ibsanii, hojiin nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu duudhaa Adwaa waan ta’eef, hundinuu gahee irraa eegamu gaafachuu ragaan tajajilicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia