Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa injifannoo Afrikaanoota hundaati – Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC) – Guyyaan Injifannoo Adwaa 129ffaan mata duree ‘Adwaa injifannoo Ummattoota Gurraachaa’ jedhuun kan kabajamu ta’uu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera.

Guyyaa injifannoo Adwaa yeroo 129ffaaf kabajamu ilaalchisee Raayyaa Ittisaatti Daayrektarri Daayrektooreetii Ijaarsa xinsammuu Meejar Jeneraal Indaalkaachow Waldakidaan ibsa kennaniiru.

Injifannoon Adwaa injifannoo Afrikaanoota hundaa ta’u ibsaniiru.

Guyyicha sagantaalee adda addaan bifa hoo’aa ta’een kabajuuf koreen hundaa’ee qophiin taasiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ayyaanichi sadarkaa naannolee, magaalotaa fi Embaasiiwwanii fi Miisiyoonootaattis ni kabajama jedhan.

Adwaan injifannoo waloo, tokkummaa, cichoomina kaayyoo fi mallattoo gootummaa ta’uus Meejar Jeneraal Indaalkaachow Waldakidaan himaniiru.

Salamoon Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.