Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa miira hininjifatamuu gonfachiisuun qabsoo birmadummaa kan itti fufsiisedha- Pireezidaantota naannolee

Finfinnee, Guraandhala 22, 2017 (FMC) – Injifannoon Adwaa miira hin injifatamuu gonfachiisuun qabsoo birmadummaa kan itti fufsiisedha jechuun Pireezidaantonni Naannolee garaagaraa ibsan.

Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilaahun Kabbadaa fi Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan yaadannoo guyyaa injifannoo Adwaa 129ffaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantonni kunneen ergaa isaaniin, injifannoon Adwaa calaqqee tokkummaa sabdaneessummaa fi gootummaa keenyaati jedhaniiru.

Injifannoon Adwaa miira hinijifatamuu abbootiin keenya nu dhaalchisan, fakkeenya cichoominaa ta’uu Obbo Xilaahun Kabbadaan ibsaniiru.

Adwaan, kabajaa fi birmadummaa biyyaaf miira jaalala biyyaa olaanaan kallattii hundarraa walitti babba’uun diina meeshaa waraanaa ammayyaa hidhate itti injifatan ta’uu eeraniiru.

Injifannoon Adwaa seenaa waloo uummata gurraacha hundaa ta’uus kaasaniiru.

Dhaloonni har’aas guddummaa tokkummaa gootota darban irraa barachuun, seenessa qeenxeerra seenessa waloon tokkummaa sabdaneessummaa isaanii cimsuun ijaarsa mootummaaf ashaaraa isaanii kaa’uu qabu jedhan.

Pireezidantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan gama isaaniin, calaqqee tokkummaa sabdaneessaa fi gootummaa, madda kabajaa qofa osoo hintaane, mallattoo qabsoo ummattoota Gurraacha Addunyaa fi bu’uura ilaalcha Paan Afrikaaniizimii ta’uu himaniiru.

Dhaloonni har’aa Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa milkaa’inaan ijaaraa, injifannoo Adwaa irra deebiin galmeessuurratti argamna jedhan.

Fuulduratti tokkummaa sabdaneessaa eeguun tattaaffii olaanaan badhaadhinaa biyyattii galmaan ga’uuf injifannoo ce’aan akka galmaa’u amantaa qaban ibsaniiru.

Adwaa ni leellisna kan jedhan Obbo Ashaadiliin, Itiyoophiyaa cichoominaan ni ceessisna jechuun ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.