Israa’el hidhamtoota Filisxeem 183 gadi lakkifte
Finfinnee, Guraandhala 1, 2017 (FMC) – Hamaas lammiilee Israa’el 3 ugguree ture gadhiisuu hordofee Israa’el lammiilee Filisxeem mana hidhaa turan183 gadi lakkisuu ibsameera.
Lammiileen Filisxeem 183 mana amala sirreessaa Israa’el keessa turan gadi lakkifamuu isaanii BBCn gabaaseera.
Erga waliigalteen Dhukaasa Dhaabuu Israa’elii fi Hamaas gidduutti taasifamee hanga ammaatti lammiileen 500 ol gadi lakkifamuu ibsameera.
Hidhamtoonni kunneen hedduun isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’uutu ibsame
Garuu hidhamtoonni 21 ajjeechaa dabalatee yakka cimaa ta’een himataman gara naannoo Filisxeem akka deebi’an Isra’eel hin hayyamamneef jedhame.
Isaan gara Ijipti yookaa biyyoota ollaatti geeffaman jedhameera
#Oromia #Ityoophiyaa