Itiyoo-Injinariingi Giruuppi Konkolaattoota Elektirikaa oomishuuf karoorfate -Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoo
Finfinnee, Amajjii 20, 2017 (FMC) – Itiyoo-Injinariingi Giruuppiin bara dhufuu eegalee Konkolaattoota Elektirikaa biyya keessatti oomishuuf karoorfachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan giruuppichaa Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoon ibsan.
Dhaabbatichi Konkolaattoota Humna Elektirikaan socho’an biyya keessatti oomishuuf qophii dandeessisu taasisaa jiraachuu himaniiru.
Albuudni galtee Baatirii Konkolaataa Elektirikaa oomishuuf oolu Liitiyeemiin Itiyoophiyaa keessatti bal’inaan kan argamu ta’uu Ambaasaaddar Suleeyimaan ibsaniiru.
Albuudni kun hanga ammaatti dheedhiin isaa alatti ergamaa jiraachuu kaasaniiru.
Giruuppichi yeroo ammaa Teeknooloojii Albuudicha calaluu danda’u barbaadaa akka jiru dubbaaniiru.
Dhaabbatichi ogeeyyii muuxannoo olaanaa qaban 550 qabaachuus eeraniiru.
Waggaa shan keessatti Awutoobisoota deddeebisa ummataa oomishuu eegaluuf hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Itiyoo – Injinariing Giruuppi maashinaroota misooma qonnaa oomishuun qonnaan bultootaaf rabsuun hojii bu’aa qabeessa hojjechuu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia