Itiyoo Teeleekoomiin buufata 2ffaa chaarjessa saffisaa baatirii Konkolaattoota Elektirikaa hojii eegalchiise
Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) – Itiyoo Teeleekoomiin buufata 2ffaa chaarjessa Baatirii Konkolaattoota Elektirikaa daraan saffisaa ta’e magaalaa Finfinneetti hojii eegalchiiseera.
Buufanni boqonnaa 2ffaa gara hojiitti gale kun Konkolaattoota Elektirikaa Awurooppaatti hojjetamaniif humna guutuuf dandeettii kan qabuu fi humna Chaarjessaa konkolaattoota kanneen waliin walgitu kan qabuudha jedhame.
Buufatichi yeroo tokkotti konkolaattoota 16 chaarjessuu kan danda’u akka ta’e dhaabbatichi himeera.
Sekondii tokko keessatti humna Kiiloomeetira 1 deemsisuu danda’u Chaarjesuuf dandeettii akka qabu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia