Itiyoo Teeleekoomiin Magaalaa Jimmaatti Tajaajila Neetworkii 5G eegalchiise
Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC) – Itiyoo Teeleekoomiin Magaalaa Jimmaatti Tajaajila Neetworkii Moobayilaa 5G eegalchiiseera.
Sirna jalqabsiisa neetwoorkii dhaloota shanaffaa (5G) kana irratti hoji Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo-teeleekoomii Fireehiwoot Taammiruu, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamarii fi Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee; hoggantoonni Magaalaafi Godina Jimmaa akkasumas keessummoonni garagaraafi qooda fudhattoonni adda addaa argamaniiru.
Tajaajilli neetiwoorkii 5G Itiyoophiyaa diijitaalaa dhugoomsuufi hojii “Smart City” magaalichaa milkeessuuf gahee olaanaa qabaachuu Fireehiwoot Taammiruun ibsaniiru.