Fana: At a Speed of Life!

Itiyoo-Telekoom magaalota dabalataa 114 fayyadamoo Neetwoorkii 4G taasise

Finfinnee, Ebla 3, 2017 (FMC) – Itiyoo-Telekoom magaalota dabalataa 114 fayyadamoo Neetwoorkii “4G LTE” taasisuu ibse.

Magaalota godinaalee Baalee, Arsii, Baalee Bahaa, Arsii Lixaafi Shawaa Bahaa fayyadamoo Neetwoorkii “4G LTE” taasisuu eereera.

Dhaabbatichi piroojektii babal’ina Neetwoorkii “4G LTE” xumuruu kan ibse yoo ta’u, Damee Kibba Bahaan magaalota 58, Damee Kibba Kibba Bahaan ammoo magaalota 56 waliigalaan magaalota 114 fayyadamoo tajaajilichaa taasisuu beeksiseera.

Neetwoorkiin “4G LTE” saffisa olaanaa kan qabu ta’uus ibseera.

Dhaabbatichi saffisa interneetii olaanaa guutuu biyyattiitti babal’isuun gahee guddina diinagdee diijitaalaa keessatti bahatu cimsee kan itti fufu ta’uu ragaa Faanaa Diijitaaliif ergeen ifoomseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.