Itiyoophiyaa fi Ingiliz Hariiroo gamlamee qaban cimsuuf waliigalan
Finfinnee, Guraandhala 15, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Waltajjii marii Ministiroota Biyyoota Garee 20 Afrikaa Kibbaa Johaanisbargitti gaggeeffamaa jirun cinaatti gita isaanii Ingiliz Deevid Laamii waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, faayidaa waloo biyyoota lameenii fi dhimmoota biyyaalessaa, naannawaa fi Idil Addunyaarratti marii bal’aa taasisuun ibsameera.
Dooktar Geediyoon hariiroo waggoottan dheeraa biyyoota lameen giddu ture gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf Itiyoophiyaan qophii ta’uu kaasaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Ingiliz carraawwan Invastimantii fi Daldalaa Itiyoophiyaan qabdurratti akka hirmaataniif carraan bal’aan jiraachuu himuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa