Itiyoophiyaa fi Israa’el tumsa Daldalaa fi Invastimantii qaban caalmaatti cimsuuf waliigalan
Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar miseensota Paarlaamaa Israa’el waliin mari’ataniiru.
Waltajjii Gamtaa Interpaarlaameentii 150ffaa Uzbeekiistaanitti taa’amaa jiru cinaatti miseensota kanneen waliin dhimmoota waloorratti mari’achuu ibsameera.
Itiyoophiyaa fi Israa’el hariiroo bara dheeraa ce’e dippiloomaasii gaarii qabaachuu obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniiru.
Biyyoonni michummaa gaarii qaban lamaan hariiroo dameewwan Daldalaa,Tuurizimii fi Invastimantiin qaban caalmaatti cimsuu qabu jedhan.
Mootummaan Itiyoophiyaan hariiroo damee saayinsii, Teeknooloojii fi qonna ammayyeessuurratti Israa’el waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Israa’el hariiroo seenaa qabeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsitee kan itti fuftu ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Israa’el Amiin Oohaanaan himaniiru.
Hariiroo gaarii amma jiru sadarkaa caaluutti guddisuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Waltajjiin Gamtaa Interpaarlaameentii 150ffaan Uzbeekiistan Magaalaa Taashikaanitti gaggeeffamaa jira.
#Oromia #Ethiopia