Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Raashiyaan damee investimentii irratti tumsa qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 13, 2017 (FMC)- Komiishinarri Komiishinii Investimentii Itiyoophiyaa Doktar Zallaqaa Tamasgeen jila Ministira Diinagdee Ruushiyaa Maaksiim Raashitiinkoov’n durfamu waliin mari’ataniiru.

Maricharratti Doktar Zallaqaa Tamasgeen, rifoormiiwwan damee dhuunfaa guddisuu fi investimentiif haala mijeessuuf hojiirra oolaa jiranii fi hojiiwwan investimentii babal’isuuf hojjetamaa jiran ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Mootummaan hariiroo hundagaleessa yeroo dheeraaf Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduu ture damee dinagdee fi faayinaansiin guddisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Maaksiim Raatkoov gama isaaniin, biyyi isaanii damee dinagdee fi investimentiin tumsa qabdu guddisuu akka barbaaddu dubbataniru.

Itiyoophiyaa fi Ruushiyaan misooma albuudaan, xaa’oo biyyeen, annisaa haareffamaan elektirkii elektirikii maddisiisuu dabalatee dameelee biroon hojjechuuf waliigalaniiru.

Biyyoonni lamaan dameewwan investimentii fi pirojektota waliin misoomsuu danda’an adda baasuuf kora investimentii fi daldalaa fuulduratti waliin akka geggeessan ibsamuus ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.