Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan dameewwan waraanaa garaagaraan tumsaan hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Itaamaajoor Shuumeen Waliigalaa Humna Waraanaa Itiyoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuun Juulaan gita isaanii Ruwaandaa Jeneraal Muubaarak Mugaagaa waliin dameewwan waraanaan tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti waliigaltee mallatteessaniiru.
Dhaabbileen Raayyaa Ittisaa biyyoota lamaanii tumsaan hojjechuuf waliigaluu hordofee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Biyyoonni lamaan dameewwan waraanaa garaagaraan baroota dheeraaf tumsaan hojjechaa turuu fi tumsa kana caalmaatti cimsuuf waliigaltee mallatteessuu Raayyaa Ittisaatti Daayrektarri Daayrektoreetii Hariiroo alaa fi tumsa waraanaa Meejar Jeneraala Tashoomaa Gammachuun himaniiru.
Leenjii Ijaarsa Dandeettii, wal jijjiirraa muuxannoo , shororkeessummaa qolachuu fi dhimmoota walqabatanirratti tumsaan hojjechuuf waliigaluu kaasaniiru.
Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan hariiroo cimaa bara dheeraa qabaachuu Raayyaa Ittisaa Ruwaandaatti Daayrektarri Jeneraalaa Hariiroo Idil Addunyaa Birgaader Jeneraal Paatiriik Kaariitaawaan himaniiru.
Itiyoophiyaan biyya wayita rakkoo Ruwaandaaf dhaabbatteedha jedhan.
Dhimmoota waraanaa adda addarratti hariiroo qabnu caalmaatti cimsuuf ni hojjenna jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia