Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaafi Beelaaruus hariiroo isaanii cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos gita isaanii Beelaaruus Maaksiim Riizheenkoov waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo Beelaaruus waliin qabdu daran cimsuun akkasumas dameewwan tumsaa babal’isuun fayyadamummaa uummattootaa mirkaneessuuf murannoo qabaachuu Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsaniiru.

Fooyya’iinsi diinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu abbootiin qabeenyaa Beelaaruus dameewwan qonnaa, agro-piroosesiingii, albuudaa, daldalaafi tuurizimii irratti akka bobba’aniif carraa bal’aa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Maaksiim Riizheenkoov gamasaaniin, biyyi isaanii hariiroo gam-lamee  biyyoota lameenii cimsuuf, fayyadamummaa waloo guddisuufi dameewwan tumsaa dabalataa uumuuf  qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.