Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaafi Eemireetonni Araba Gamtoomanii qorannoo yakkaarratti tumsaan hojjechuuf  mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2017 (FMC) – Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el Eemireetota Araba Gamtoomaniitti Garee Qorannoo Poolisii Dubaay waliin mari’atan.

Marii isaaniin, dhimma qorannoo yakkaa irratti mari’achuun eerameera.

Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el, Shakkamtoota Dubaayitti yakka hojjechuun Itiyoophiyaa dhokatan to’annoo jala oolchuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Leetenaal Koloneel Abdallaa Mahaammad gamasaaniin, hojii qorannoo yakkaa waloo fuulduratti hojjetamaniif hoggantoota qorannoo yakkaa Itiyoophiyaa gara Dubaay deeman simachuuf qophii ta’uu kaasan.

Yeroo itti aanutti shakkamtoota biyyoota lameeniin barbaadaman dabarsanii kennuun seeraan gaafachuuf garee qorannoo yakkaa hundeessuun tumsaan haala hojjechuu danda’anirratti mari’achuu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.