Itiyoophiyaafi Raashiyaan tumsaan hojjechuuf mari’atan
Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaafi Raashiyaan dameewwan Aadaa, Aartiifi Ispoortiin waliin hojjechuuf mari’ataniiru.
Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Iivigeenii Tarkihiin waliin haala biyyoonni lameen dameewwan aadaa, aartiifi ispoortiin waloon hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Hojii Itiyoophiyaan aadaafi aartii ishee biyyoota miseensa BRICS’tti beeksisuuf akkasumas hariiroo uummattootaa cimsuuf hojjechaa jirtu mootummaan Raashiyaa akka deeggaruufi tumsaan kan hojjetamu ta’uus eerameera.
Fuulduratti waliigaltee waliif mallatteessuun hojiilee hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii cimsan irratti waliin hojjechuuf waliigaluu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia