Itiyoophiyaafi Sudaan Kibbaa tumsa isaanii cimsuuf waliigalan
Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Dhimma Alaafi Tumsa Idil-Addunyaa Sudaan Kibbaa Ramadaan Mahaammad Abdallaa Gook waliin Juubaatti mari’ataniiru.
Mariisaaniin, tumsa gamlamee biyyoota lameenii cimsuufi gara michummaa tarsiimawaatti ceesisuuf waliigalteerra gahuu eerameera.
Dabalataanis tumsa diinagdee biyyoota lameeniifi hariiroo uummattoota guddisuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Jilli Ministira Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoosiin durfamu daawwannaa hojiif Sudaan Kibbaa Juubaa galuun ni yaadatama.
#Oromia #Ityoophiyaa