Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Afrikaarra biyyoota lakkoofsi tuuristootaa itti dabalee keessaa adda duree taate

Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan waggoottan ja’an darban Ardii Afrikaarraa biyyoota lakkoofsi tuuristootaa sadarkaa olaanaan itti dabalee keessaa adda duree ta’uun ibsame.

Dameen Tuuriizimii Mootummootaa Gamtoomanii akka beeksisetti, sababa Vaayirasii Koroonaan damee tuuriizimii Itiyoophiyaa laafee turuu yaadachiisuun, waggoottan shanan darban biyyattiitti lakkoofsi tuuristoota Addunyaa %40 guddina argisiiseera.

Haaluma kanaan Afrikaarraa lakkoofsi tuuristotaa sadarkaa olaanaan biyyoota itti dabale keessaa adda dure ta’uu eereera.

Moorookoo fi Ijipti ammoo Itiyoophiyaatti aanuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaarraa jiraachuu gabaasni 2024 dhaabbatichaa ni mul’isa.

Sadarkaa addunyaatti ammoo Kuwaataar, El Saalvaadoor, Albaaniyaa, Saa’ud Arabiyaa fi Kuraakaawaatti aanuun Itiyoophiyaan sadarkaa 6ffaarratti kan argamtu ta’uun beekameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.