Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan baatiiwwan 9 darban  tuurizimii konfiransiin bu’aa olaanaa galmeessisteetti- Salaamaawit Kaasaa

Finfinnee, Ebla 5, 2017(FMC)- Itiyoophiyaan baatiiwwan 9 darban  damee tuurizimii konfiransiin bu’aa olaanaa galmeessisuu Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan ibsan.

Guyyaa kaleessaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamni karoora raawwii dameewwan adda addaa baatiiwwan 9 darbanii gaggeeffameera.

Salaamaawit Kaasaa bu’aalee damee tuurizimiin argaman ilaalchisuun ibsa laataniin, damee tuurizimii konfiransii irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka ture eeraniiru.

Baatiiwwan 9 darban yaa’iiwwan idil-addunyaa, ardiifi naannawaa 60 ol gaggeeffamuu kaasanii, kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu jijjiiramni guddaan galmaa’uu dubbataniiru.

Bu’uuraalee misoomaa tuurizimii konfiransiif barbaachisu mijeessuurraa eegalee hojiileen damee dipploomaasiin hojjetamaniifi xiyyeeffannoo dhaabbileen damichaaf kennan bu’aa galmaa’eef sababa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis bakkeewwan gahumsa tuurizimii irrattis hojii bal’aan hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Gama Kanaan hojiin qabeenya tuurizimii buleeyyii misoomsuufi haaromsuu hojjetamuu eeruun, haaromsa Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaariifi  Faasil akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Piroojektiiwwan Maaddiin Biyyaaf, Maaddiin Dhaalootaaf akkasumas Haaromsa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa dabalatee piroojektoonni garaagaraa magaalaa Finfinneetti hojjetaman dadammaqina tuurizimiif gahee olaanaa bahachuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.