Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan bakka ga’iinsa daldala alaa fi dorgomtummaa ishee guddisuun bu’aa qabatamaa galmeessiteetti – Dooktar Kaasaahun Goofee

Finfinnee, Bitootessa 23, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan tarsiimoo oomishaa irraa eegaluun bakka ga’iinsa daldala alaa fi dorgomtummaa ishee guddisuun bu’aa qabatamaa galmeessisuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee ibsan.

Hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa daldala ba’ii irratti hojjetaman, raawwii guutuun imaammata fooyya’iinsa diinagdee gooroo fi sharafni alaa gabaan akka murtaa’u ta’uun jijjiirama qabatamaa fiduu danda’uus eeraniiru.

Galiin bara 2010 daldala ba’ii irraa argame doolaara biliyoona 2.6 akka ture yaadachiisanii, bara kana baatiiwwan 8 qofatti galiin doolaara biiiliyoona 4.5 argamuu ibsaniiru.

Jijjiramaan dura oomishaaleen Itiyoophiyaan gabaa alaaf dhiyeessaa turte rakkoo bakka ga’umsaa akka qabu kan kaasan Dooktar Kaasaahun, kotiroobaandii dhorkuu fi bakka ga’umsa gabaa alaa babal’isuun hariiroon daldalaa guddachaa dhufuus himaniiru.

Qoodni galiin daldala ba’ii oomisha waliigalaa biyyatti keessaa qabu gadi aanaa ta’uu eeranii, sirna daldalaa idil addunyaa hordofuun daldala ba’ii irratti kana caalaa hojjetamuu akka qabu ibsuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.