Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan damee loojistiksiin hojiilee filatamtuu ishee taasisan hojjechaa jirti jedhame

Finfinnee, Ebla 5, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan damee loojistiksiin hojiilee filatamtuu ishee taasisan hojjechaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii ibse.

Waggoottan jahan darban damicha fooyyessuufi bu’a qabeessa gochuuf tarsiimoon bocamee hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dheengee Boruun ibsaniiru.

Itiyoophiyaan naannawaa daldala bilisaa Afrikaa hojiirra oolchuuf sochiirra jiraachuu kaasanii, sirna loojistiksii kana bu’uureffate uumuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jirtu himaniiru.

Keessumaa oomishaaleen gabaa addunyaarratti dorgomaa akka ta’aniif sirna loojistiksii ammayyaa uumuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Damichi sadarkaa idil-addunyaa kan eeggate akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.