Itiyoophiyaan dameelee hundaan bu’aa galmeessisaa jirti-Dooktar Fitsum Asaffaa
Finfinnee, Ebla 8,2017(FMC) – Itiyoophiyaan dameelee hundaan bu’aalee ciccimoo galmeessisaa jirti jedhan Ministirri Karooraa fi Misooomaa Dooktra Fitsum Asaffaan.
Raawwii karoora mootummaa baatii 9, bara 2017 ilaalchisees mareen geggeeffameera.
Maree sanarratti Ministirri Ministeera karooraa fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa, Ministira Ittisaa Dooktar Injiinar Ayishaa Mahaammadi fi hoggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa argamaniiru.
Dooktar Fitsumis gabaasa raawwii hojii baatii 9 kan dhiyeessan yoo ta’u, Itiyoophiyaatti dameelee hundaan bu’aa guddaan galmaa’uu ibsaniiru.
Oomishaalee akka bunaa fi warqee biyyattiin gara alaatti ergitu irraa bu’aan argame guddaadha jedhan.
Dhiibbaa alaa dandamachuun oomishaalee akka boba’aa fi xaa’oo biyya keessa galanis uummataaf raabsuun bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu hubachiisan.
Utubaawwan dinagdee kan ta’an qonna, indaastirii, albuuda, tajaajilaa fi dinagdee dijiitaalaanis bu’aan argamuu gabaasichaan kaasaniiru.
Ashaaraan caasaa nageenyaa kan irra jiru raawwiin pirojeektota gurguddaa akka Hidha Haaromsaa guddichaas milkaa’aa akka ta’es ibsaniiru.