Itiyoophiyaan dhaabbilee guddina dinagdee diijitaalaaf murteessoo ta’an ijaarteetti – Dooktar Ballaxaa Mollaa
Finfinnee, Bitootessa 23, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa, bulchiinsaa fi ijaarsa dandeettii humna namaa irratti xiyyeeffachuun dhaabbilee fi imaammatawwan guddina dinagdee diijitaalaa cimaa sochoosuu danda’an ijaaruu Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa ibsan.
Dooktar Ballaxaa Mollaan Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaa addaa Dhimmoota Teeknooloojii Amaandiip Siingi Giil waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanii dhiibbaa teeknooloojiin bulchiinsa, misooma dinagdee fi ijaarsa hawaasaarratti qabu irratti xiyyeeffachuu eerameera.
Itiyoophiyaan guddina dinagdee, kalaqaa fi ce’umsa teeknooloojii, akkasumas dameelee biroon tumsa idil-addunyaa cimsuuf kutannoo qabaachuu Dooktar Ballaxaan mirkaneessaniiru.
Amaandiip Siingi Giil gama isaaniin, Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran hammattoo irraa fayyadamoo ta’uu danda’an fayyadamuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.